Fana: At a Speed of Life!

Naannoleen sadi naannoo Tigraayiif Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 82 deeggarsa taasiisan

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2013 (FBC) – Naannoon Oromiyaa, Beenishaanguul Guumuuz fi Gaambeellaan naannoo Tigraay deebisanii dhaabuuf Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 82 arjoomuuf waadaa galan laataniiru.
Deeggarsicha Preezdaantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa,Preezdaantiin naannoo Beenishaanguul Guumuuz obbo Ashaadilii Hasanii fi kan Gaambeellaa obbo Uumood Ujuluun magaalaa Maqaleetti argamuun laataniiru.
Naannoon Oromiyaa Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 57, naannoon Beenishaanguul Guumuuz Birrii miiliyoona 15 fi Gaambeellaan miilyoona 10 laachuuf waadaa galan kennaniiru.
Bulchaa olaanaan bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Dooktar Muluu Naggaan deeggarsicha fuudhaniiru.
Dooktar Muluu Naggaan deeggarsa taasiifameef naannolee kanneen galateeffataniiru.
Sirna walharkaa fuudhinsaa kanarratti Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Abrahaam Balaay fi hogganaan Komaand Poostii naannoo Tigraay Leetanaal Jeneraal Yohaannis Gabramasqal argamaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.