Fana: At a Speed of Life!

Naannon Oromiyaa biqiltuu biiliyoona 3.5 dhaabuuf qophii taasisaa jira

Finfinnee, Caamsaa 24, 2012 (FBC) – Naannon Oromiyaa biqiltuu biiliyoona 3.5 dhaabuuf qophii taasisaa jira.
 
Sadarkaa itti aanaa preezdaantiitti qindeessaan kilaastara baadiyyaa Dooktar Girmaa Amanteen akka beeksisanitti dhaabbii baranaatif gosoonni biqiltuu addaddaa qophaa’aniiru.
 
Ganna bara darbe 2011 sochii misooma magariisaa hojjetameen naannon Oromiyaa biqiltuu biiliyoona 2 ol dhaabuu danda’eera.
 
Baranas biqiltuuwwan ijaarsa, fudraa fi mudraaf oolan gosoota addaddaa biiliyoonni 3.5 qophaa’aniiru.
 
Amma ammaattis biqiltuuwwan biiliyoonni 2.3 ol qophaa’uu Dooktar Girmaa Amanteen beeksisaniiru.
 
Biqiltuu gosa kaanitiin ala biqiltuu bunaa biiliyoona 1.1 ol dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jiras jedhan.
 
Dhaabbii biqiltuu baranaatif naannichatti lafti heektaarri miiliyoona 1tti siqu eegumsa biyyoo fi bishaanitiif adda baafameera.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.