Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Amaaraatti boqonnaa walitti bu’iinsaa cufuuf qaamni hundi qooda isaa akka ba’u waamichi dhiyaate

Finfinnee, Sadaasa 2, 2016 (FBC) – Naannoo Amaaraatti boqonnaa walitti bu’iinsaa cufuuf qaamni hundi qooda isaa akka ba’u mootummaan naannichaa waamicha dhiyeesse.

Finxaaleyyiin biyya keessaa fi alaa jibbiinsaa fi garaagarummaa babal’isuu hojii idilee taasisuun hojjechaa jiraachuu mootummaan naannicha ibsa baaseen himeera.

Nageenyi har’as ta’ee boruuf bu’uura dhalootaa ta’uu himeera.

Nageenyi yoo hin jiraanne qaamni guddinaa fi misooma boruuf yaadu kan hin jirre ta’uu ibseera.

Bu’uurri boruu kan argamu walitti bu’iinsaan osoo hin taane nageenyarraa ta’uu qaamni hundi hubachuun barbaarbaachisaa ta’uu himeera.

Walitti bu’iinsa saba tokko gidduutti gaggeefamu keessatti moo’ataa fi moo’atamaan kan jirre ta’uu hubachuun murteessaa ta’uu himeera.

Yoo nageenyi hin jiraanne, guddinni, misoomni, Abdii fi bu’aan boruu kan jirre ta’uu beekkamuu qaba jedheera.

Naannoon Amaaraa sababa waraanaan miidhaa diinagdee fi hawaasummaa cimaaf saaxilamuu himeera.

Qaamolee halkaniif guyyaa jibbiinsaa fi walqoodinsa lallabanii fi balbal’isanirraa hawaasni of qusachuu akka qabu ibseera.

Naannichatti boqonnaa walitti bu’iinsaa cufuun nageenya waaraatti ce’uuf qaamni hundi qooda isaa ba’uu akka qabu waamichi dhiyeesseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.