Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Amaaraatti koreen vayrasii koroonaa ittisu hundaa’e

Finfinnee, Bitootessa 8, 2012 (FBC) – Naannoo Amaaraatti vaayrasii koroonaa ittisuuf koreen Itti Aanaa preezdaanti mootummaa naannoo Amaaraa Dooktar Faantaa Mandafiroon durfamu hundaa’uu Biiroon Fayyaa naannichaa beeksise.

Biiroon Dhimmoota Nageenyaa naannoo Amaaraa haala nageenya naannichaarratti abbootii amantaa waliin mari’ateera.

Waltajjii marichaarratti Preezdaantii Mootummaa Naannoo Amaaraa obbo Tamasgaan Xiruunah dabalatee hoggantoonni mootumma olaanoo naannichaa fi abbootiin amantaa argamaniiru.

Wayita kana tattamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf hojiiwwaan qophii dursanii ittisuu hojjetamaa jiraachuu hogganaan Biiroo Faayyaa Nannichaa Dooktar Malkaamuu Abbixee himaniiru.

Bu’uuruma kanaan tattamsa’ina vaayrasichaa ittisuuf koreen Itti Aanaa preezdaanti mootummaa naannoo Amaaraan Dooktar Faantaa Mandafiroon durfamu hundaa’uudha kan ibsame.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.