Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Amaaraatti tajaajilli tola oolmaa Ganna baranaa eegalame

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2012 (FBC) – Naannoo Amaaraatti tajaajilli tola oolmaa Ganna baranaa eegalame.
 
Sagantaa tajaajilichaa jalqabsiisuurratti ministirri Ministeera Dhimma Dubartoota, Daa’immanii fi Dargaggootaa Filsan Abdullaahii, hoggansi biiroo fi waajjiraalee caasaa naannichaa, tola ooltonni argamaniiru.
 
Tola oolmaan baranaa miidhaa daa’immanii fi dubartootaa akkasumas weerara vaayrasii koroonaa ittisuun kabajama jedhan aadde Fiilsan.
 
Naannon Amaaraa Ganna baranaa tola oolmaa miiliyoona 4.3 bobbaasuuf hojjechaa jira.
 
Kanaanis baasii Birrii biiliyoona 2.1 hanbisuuf ni hojjetama jedhameera.
 
Ashaaraa magariisaa baranaatin akka biyyaatti biqiltuu biiliyoona 5 dhaabuuf hojjetamaa jira.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.