Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Amaarraatti sagantaan ‘Maaddii Madaalawaa’ beeksisuu gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 18, 2015 (FBC)-Naannoo Amaaraa Godinaa Saba Awwii Magaalaa Chaangitti sagantaan ‘Maaddii Madaalawaa’ beeksisuu gaggeeffameera.

Kaayyoon sagantaa ‘Maaddii madaalawaa’ nyaata madalaawaa baay’inaa fi qulqullinaan akka jiraatuu fi lammiilee hundaan ga’uuf sirna soorataa ijaaruu ta’uu ibsameera.

Galma ga’iinsa sagantichaaf, foon, killee, dammaa fi aannaan nyaata qannoo utuu hintaane filmaatawwan salphaatti argachuun danda’man ta’uu akka qaban ibsameera.

Saganticharratti Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasaa Caafoo, Ittaantuu Afyaa’ii Aadde Loomii Badhoo, Pireezidaantii Naannichaa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa, akkasumas qondaaltonni federalaa fi naanichaa biroon argamaniiru.

Mulugeetaa Dasseetu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.