Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Harariitti hospitaalli waliigalaa Jugaal tajaajila wal’aansa Kalee dhiquu laachuu eegale

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2013 (FBC)- Naannoo Harariitti hospitaalli waliigalaa Jugaal tajaajila wal’aansa Kalee dhiquu laachuu eegaleera.

Preezdaantiin Mootumma naannoo Hararii obbo Ordiin Badriin, hospitalichi akkuma umrii dheeraa qabu ammas hojiiwwa biroon kan irraa eegamu ta’u himuun, qaamolee maashini kun hospitaalichatti hojii akka tajaajila akka eegaluuf tumsa taasisaan galateeffataniiru.

Tajaajila Kalee dhiquu kanaaf, hospitaalichi maashinoota 4 baasii  Birrii miiliyoona 5.6 bituu fi ogeeyyii fayyaa damicha leenjisun hojii eegalchiisuu ibsameera.

Maashinoonni kunneen deeggarsa baajataa mootummaan naannichaa fi biiroon fayyaa naannichaa taasiseen ta’uus himameera.

Hospitaalli Jugaal waggoottan dhibba tokkoo fi kudhanii oliif tajaajila fayyaa adda addaa kennaa kan ture yoo tahu, dhiqichi kalee kun isa jalqabaati jedhameera.

Biqilaa Alamuutu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.