Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Kibbaatti Birriin carraa hojii uumuf liqeeffame biiliyoonni 2 ol kan hin deebine ta’uu ibsameera

Finfinnee, Hagayya 19, 2013 (FBC) – Naannoo Kibbaatti Birriin carraa hojii uumuf liqeeffame biiliyoonni 2 ol osoo hin deebi’in hafuu ibsameera.
 
Birriin Carraa Hojii Uumuuf liqeeffame biiliyoonni 2.3 kan hin deebine ta’uu Daayreektarri Olaanaan Carraa Hojii Uumuu Ejansii Carraa Hojii Uumuu fi Wabii Nyaataa naannoo Kibbaa obbo Maarqoos Bulchaa ibsaniiru.
 
Liqaan laatame wabii malee, hubannoo ga’aa fi qorannoo bu’aa qabeessummaa malee laatamuu isaan osoo hin deebi’in hafuu kaasaniiru.
 
Naannichaatti yeroo ammaa hojii dhabdummaan % 18.1 irra ga’uu dubbachuun, bara 2013 irraa eegalee waggoottan kurnan itti aanaan keessa lammiilee miiliyoona 2.398f carraa hojii uumuuf karoorfamuu himaniiru.
 
Dargaggootaaf carraa hojii uumuu dhabuun maatii, naannoo fi biyya miidhaa jedhan obbo Maarqoos.
 
Mootummaan waan danda’u hundaan hojii barbaaddootaaf carraa hojii mijeessuun rakkoolee jiran furuuf kan hojjetu ta’uu himuu isaanii miidiyaan naannoo Kibbaa gabaaseera.
 
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.