Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Kibbaatti deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf Birriin miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 53 ol waliiti qabame

Finfinnee, Sadaasa 14, 2013 (FBC) – Naannoo Kibbaatti deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf Birriin miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 53 ol walitti qabamuu ibsameera.
Hogganaan Biiroo Mallaqaa fi Walta’iinsa Diinagdee naannoo Kibbaa fi walitti qabaan koree deeggarsa sassabaa Raayyaa Ittisa Biyyaa naannoo Kibbaa obbo Tafarii Abaataan dhimma haala yeroorratti ibsa laataniiru.
Ummanni naannichaa gantummaa fi haleellaa gareen ABUT raayyaa ittisa biyyaarratti raawwateen xiiqii keessa galuun Biirrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 53tti tilmaamamu akaakuu fi maallaqaan deeggarsa taasiisuu eeraniiru.
Guyyoota torban darban keessatti qofa ummanni naannichaa raayyaa ittisa biyyaaf sangoota kuma 1 fi 586, Hooloota 286, fi Ra’oota 430 deeggarsa taasiisuu obbo Tafariin ibsaniiru.
Akkasumas Xaafii kuntaala 551 dabalatee Dhadhaa, Dammaa fi meeshaalee bu’uuraa biroo hedduu deeggarsaan laachuu himaniiru.
Naannichi Birrii biiliyoona 1 ol deeggarsa taasisuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu eeraniiru.
Akka Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii mootummaa naannichaa beeksiseetti, Baankii Daldalaa Ityoophiyaatti lakkoofsi Herreegaa 1000354443892 banamuun deeggarsa Raayyaa Ittisaa Biyyaaf galii walitti qabuuf hojjetamaa jira.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.