Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Kibbaatti hoomaan awwaannisaa argame

Finfinnee, Muddee 10, 2013 ( FBC) – Naannoo Kibbaatti hoomaan awwaannisaa argamuu ibsame.

Biiroon Qonnaa fi qabeenyaa umaamaa naannichaa Faanaa Broodkaasting Koorporeetif akka ibseetti, hoomaa awwannisaa godina Oomoo aanoota Hamarii fi Natsa’amaayi akkasumaas aanaa Aaddaa Aleetti argameera.

Hoomaan awwaannisaa kun naannoo Oromiyaa godina Booranaa aanaa Taltalleetti torbee lama dura muul’achuu ibsun, dheengadda ammoo gara naannoo kibbaatti akka darbe kan ibsame.

Itti aanaa Biiroon Qonnaa fi qabeenyaa Umaamaa naannichaa obbo Daani’eel Daamxaaw, hojii hoomaa awwaannisaa ittisuutiin aanoota Hamarii fi Natsa’amaayitti guutuumma guutuutti to’achuun danda’ameera jedhan.

Hooma awwaannisaa aanaa Aaddaa Alee keessaatti ittisuuf ammoo hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Awwal Abarraatu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.