Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Kibbaatti sagantaan eegalchiisa Ashaaraa Magariisaa marsaa 4ffaan godina Gaamootti gaggeeffame

Finfinnee, Waxabajjii 16, 2014 (FBC) – Naannoo Ummattoota Kibbaatti sagantaan eegalchiisa Ashaaraa Magariisaa marsaa 4ffaan godina Gaamoo Aanaa Boonkeetti gaggeeffameera.
Sagantichi biqiltuu Leemmanaa dhaabuun aanaa Boonkeetti ifatti eegalameera.
Sagantaa Ashaaraa magariisaa bara kanaan akka godina Gaamootti Biqiltuu Leemmanaa kuma dhibba 6 fi kuma 50 lafa hektaara 570 irra dhaabuuf hojiin eegalamuu ibsameera.
Sagantaa kanarratti sadarkaa Itti Aanaa Preezdaantiitti Qindeessaan Kilaasteera damee qonnaa naannichaa obbo Usmaan Suuruuroo dabalatee hoggantoonni mootummaa fi qooda fudhattoonni biroo argamuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii Naannichaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.