Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti adeemsi baruu fi barsiisuu bara barnootaa 2014 eegalame

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2014 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti adeemsi baruu fi barsiisuu bara barnootaa 2014 eegalameera.
Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon magaalaa Bishooftuu mana barumsaa karaa horaa oolma daa’immanii sadarkaa 1ffaatti argamuun adeemsa baruu fi barsiisuu bara 2014 ifatti eegalchiisaniiru.
Barattoonni miiliyoonni 9.6 ol barnootaaf galmaa’uu ibsameera.
Hojiin baruu fi barsiisuu bara kanaa prootokoolii ittisa vaayrisii koroona hojii irraa oolchuun sirni barnoota kan laatamuu ta’uu Dooktar Tolaan himaniiru.
Naannichatti hojii qulqullina barnoota mirkaneessuuf hojjetamaa tureen, manneen barnoota ifa boruu fi manneen barnoota bu’uura boruu hirmaannaa abbootii qabeenyaa fi bajaata mootummaan ijaaramaniiru jedhan Dooktar Tolan.
Manneen barnoota bu’uura boruu naannichatti ijaaramaa jiran kuma 3 keessaa, ijaarsi manneen barnootaa kuma 1 xumuramuun meeshaaleen barnootaf oolan guuttamuu himameera.
Gammachuu Beekumaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.