Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti oomisha bunaa toonii kuma 900 walitti qabuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Sadaasa 20, 2014 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti oomisha bunaa toonii kuma 900 walitti qabuun toonii kuma 400 ammoo gaba biyyaa alaaf dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Jilli Sadarkaa Itti Aanaa Preezdantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Qindeessaa Kilaastera Baadiyyaa obbo Abdurramaan Abdallaan durfamu Godina Iluu Abbaa Booraatti buna sassaabamee calleeffamaa jiru daawwataniiru.

Daawwannicharratti kan hirmaata itti aanaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Maammedsanii Amiin akka ibsanitti bara 2014tti buna gabaa biyya keessaafi alaatti dhiheessuun galii biyyi keenya bunarraa argattu dabaluuf hojii xiyyeeffannoon hojjetameen jira jedhaniiru.

Buna toonii kuma dhibba sagal oli sassaabuun toonii kuma dhibbaa fur immoo gabaaf dhihessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Akka Godina Iluu Abbaa Booraattis, bara oomisha 2014 tti buna toonii 108,000 oli gabaatti dhiheessuuf hojjatama akka jiru ragaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumaamaarra argamee ni muul’dhisa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.