Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti pirojektoonni bishaan dhugaatii qulqulluu Birrii biiliyoona 7tti siquun ijaaramaa jiru

Finfinnee, Amajjii 27, 2015(FBC)- Naannoo Oromiyaatti waliingahiinsa bishaan dhugaatii qulqulluu dabaluuf pirojektoonni bishaan dhugaatii qulqulluu Birrii biiliyoona 6.8’tti siquun ijaaramaa jiraachuu Biiroon Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa beeksise.

Itti Aanaan Hogganaa Biirichaa Obbo Mahaammad Nuura Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetiif akka ibsanitti, naannichaatti dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluu guddisuuf baadiyyaa fi magaalaatti pirojektoota guguddaa 255 baajata mootummaa Birrii biiliyoona 4.8’n hojjetamaa jira.

Gama Biirichaan pirojektoonni 65, ijaarama ajiraachuu eeranii kana keessa 26 baranaa kan xumuruuf hojjetamaa jira jedhan.

Dabalataan, sadarkaa Godinaattii pirojektoonni 190 keessa 95 barana xumuruuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Akkasumas, hirmaannaa hawaasaan pirojektoonni xixiqqaan kuma 7 fi 550, Birrii biiliyoona 2’n ijaarama jiraachuu fi baranaa guutummaatti xumuruuf karoorfamuu ibaniiru.

Pirojektoonni ijaarsarra jiran guutummaatti wayiita xumuraman waliingahiinsa bishaan dhugaatii qulqulluu naannichaa %81 irraa gara %83tti kan guddisu ta’uu dubbataniiru.

Kunis namoota miiliyoona 2.7 dabalataan fayyadamtootaa akka taasisu himaniiru.

Dhiyeessi bishaan dhugaatii qulqulluu guddisuuf hojiilee hojjetamaa jiran irratti bishaan lafa jalaaf dhaabbileen qotiisa boollaa hammaa fi yeroon barbaadameen argamuu dhabuu, dhaabbilee ijaarsaa ga’umsa qabanii fi sharafa alaa yeroon argachuu dhabuun rakkoolee mul’atan ta’uu kaasaniiru.

Yohaannis Darribowutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.