Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti simannaa diyaaspoorootaaf qophiin xumurame

Finfinnee, Muddee 22, 2014 (FBC)- Mootummaan Naannoo Oromiyaa waamicha akka biyyatti lammiilee Ityoophiyaa biyyaa alaa jiraataan gara biyya isaanii akka dhufaniif taasifame sababeeffachuun simannaa ho’aa taasisuuf qophii barbaachisu hunda xumureera.

Naannichattis dhaabbileen tajaajila turistii kennanis tajaajila isaan irraa eegamu qulul’inaan kennuuf qophii barbaachisu hunda akka taasisaan hojiin hubannoo uumuu magaalota Oromiyaa gurguddoo keessatti bal’inaan kennamaa tureera.

Kanumaan wal qabatee guyyaa har’aas hoggantootaa fi ogeessota caasaalee Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa, Godinaalee fi Bulchinsa Magaalotaa waliin mariin “video conference” gaggeeffameera.

Haluma kanaan qophiin keessummoota simachuuf sadarkaa hundatti taasifamaa jiru gaarii ta’uu marichaan ibsameera.

Milkaa’ina isaaf ammallee dhimmoota xiyyeeffannaa barbaadan adda baasuun yeroo itti aanutti sirreessaa deemuun kan barbaachisu ta’uu hoggantuun Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Usmaan kallattii ka’uu isaanii ragaan Biiroo Komikeeshinii Oromiyaarra argamee ni muul’dhisa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.