Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Tigraayitti sagantaan Seeftineetii lammiilee miiliyoona 1 ol ta’an fayyadamoo taasiisu eegalamuufi

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2013 (FBC) – Naannoo Tigraayitti sagantaan Seeftineetii lammiilee sarara hiyyummaa gadi jiraatan miiliyoona 1 ol fayyadamoo taasiisu eegalamuuf ta’uu ibsame.

Sagantaa misooma seeftineetii marsaa 5ffaa eegalchiisuuf har’a waltajjiin wal baruu magaalaa Maqaleetti gaggeeffameera.

Sagantaan kun ummata naannichaa rakkoo keessaa baasuuf karoorfamee kan gaggeeffamu ta’uu Ministir Deettaan Ministeera Maallaqaa aadde Yaasimiin Wahaabrabiin ibsaniiru.

Saganticharraa lammiileen miiliyoonni ol aanaalee 55 keessa jiraatan fayyadamoo ni ta’u jedhan.

Naannichatti waggoottan shanan dhufan keessatti Birrii biiliyoona 2.2 ramaduun sagantaan seeftineetii kan gaggeeffamu ta’uu himaniiru.

Sagantichaan lammiilee hojiilee qabeenya uumamaa fi kanneen walqabatanirratti hirmaachuun humna diinagdee isaanii akka cimsatan taasiisuuf karoorfamuu Ministir Deettaan Ministeera Qonnaa obbo Saanii Raddiin ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.