Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Tigraayitti tajaajila yaala fayyaa cimsuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Caamsaa 28, 2013 (FBC) – Naannoo Tigraayiitti tajaajila Fayyaa cimsuuf ogeeyyii fayyaa gara hojiitti deebisaa jiraachuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa naannichaa beeksiiseera.
Dhaabbileen fayyaa naannichatti argaman yeroo ammaa % 46.5 tajaajila laachuu akka eegalan taasiifamuu himameera.
Dhiyeessii meeshaalee yaalaa fi qorichootaa guutuuf tattaaffii taasiifameen dhaabbilee fayyaa naannichatti argamaniif galteewwan yaalaa Birrii miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 10 olitti tilmaamamu deeggarsi taasiifamuu ibsameera.
Ministeerri Fayyaa fi Ejansiin dhiyeessii meeshaalee yaala Fayyaa sagantaalaa yaala fayyaa naannichaa raawwachiisuuf kan oolu Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 15 fi kuma 86 ol akaakuun deeggarsa taasiisuu himameera.
Lammiilee qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif tajaajila fayyaa bilisaa laachuuf hojjetamaa jiraachuu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni muul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.