Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Hararii uffataalee harlkanii Raayyaa Ittisaaf deeggarsa taasiise

Finfinnee, Adooleessa 8, 2013 (FBC) – Bulchiinsi mootummaa naannoo Hararii uffataalee halkanii Birrii kuma dhibba 5 fi kuma 25 olitti tilmaamamu Raayyaa Ittisaaf deeggarsa taasiiseera.
Sirna deeggarsa laachuu kanarratti Preezdaantii naannichaa obbo Oordiin Badirii fi hogganaa Biiroo daldalaa naannichaa obbo Nabiil Yesuuf dabalatee abbootiin amantaa, abbootiin Gadaa fi hoggantooni naannichaa garaagaraa argamaniiru.
Yeroon kun yeroo haalan Raayyaa Ittisaa cinaa dhaabbachuun barbaachisu ta’uu obbo Oordiin ibsaniiru.
Deeggarsi eegalame cimee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.
Nasirii Yuusuufitu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.