Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Oromiyaa Shaampiyoonaa Feestivaalaa Ispoortii dubartootaa biyyaalessaa 4ffaa ta’e

Finfinnee, Eebila 9, 2014 (FBC) – Naannoon Oromiyaa Shaampiyoonaa Feestivaalaa Ispoortii dubartootaa biyyaalessaa 4ffaa ta’eera.

Dorgommiin Feestivaalaa Ispoortii  dubartootaa biyyaalessaa 4ffaan magaalaa Hawaasaatti gaggeeffamaa ture olaantummaa naannoo Oromiyaatin goolabameera.

Dorgommii ispoortii Olompikiitin naannoon Oromiyaa warqii 10, meetii 9 fi Naahasa 12 walumaagaltti meedaliyaa 31’n 1ffaan goolabeera.

Naannoon Sidaamaa 2ffaa,  Bulchiinsi magaalaa Finfinnee ammoo sadarkaa 3ffaan xumuraniru.

Haaluma walfakkaatuun dorgommii Ispoortii Paaraa Olompikii naannoon Oromiyaa meedaliyaawwan 49 walitti qabachuun sadarkaa 1ffaan yoo xumuru, naannoon kibbaa 2ffaa,  Sidaamaan 3ffaan goolabaniru.

Gosoota Ispoortii aadaatiin naannoon Oromiyaa 1ffaa Sidaamaan 2ffaa fi Bulchiinsi magaalaa Finfinnee sadarkaa 3ffaan goolabeera.

Walmorkii kubbaa miilaan naannoon Oromiyaa fi naannoo Sidaamaa xumuraaf gahuun  Oromiyaan 3 fi 1 injifachuun abbaa waancaa ta’eera.

Dajanuu Gonfaatu gabaase

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.