Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Oromiyaa waldorgommii shaampiyoonaa atileetiksii guddattoota biyyaalessaa olaantummaan goolabe

Finfinnee, Guraandhala 19, 2015(FBC)- Waldorgommii Shaampiyoonaa atileetiksii Guddattootaa Biyyoolessaa 1ffaa Magaalaa Dirree Daawaatti adeemsifamaa tureen gareen Atileetiksii guddattoota Oromiyaa injifate.

Shaampiyoonaan Atikeetiksii guddaattoota biyyaalessaa 1ffaa Guraandhala 15 -19, 2015’tti magaalaa Dirree Daawaatti gaggeeffamaa kan ture yoo tahu jilli atileetiksii guddattoota Oromiyaa waancaawwan qophaa’e hunda fudhachuun sadarkaa 1ffaan goolabeera.

Walmorkii kanaan naannoon Amaaraa sadarkaa 2ffaan yoo goolabu, Bulchiinsi magaalaa Finfinnee sadarkaa 3ffaan xumureera.

Dajanuu Gonfaatu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.