Fana: At a Speed of Life!

Nageenya amansisaa fiduuf rakkoolee haasawaan hiikuun barbaachisaadha –Obbo Riistuu Yirdaaw

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2015 (FBC) -Nageenya amansisaa fiduuf rakkoolee haasawaan furuun barbachisaa ta’uu Pireezidaantiin Naannoo Kibbaa Obbo Riistuu Yirdaaw ibsan .

Ministeerri Nageenyaa Miseensota  kaabinee naannolee kibbaafi  Sidaamaa irraa walitti babba’an waliin ijaarsa nageenyaa hunda galeessarratti Magaalaa Hawaasaatti marii gaggeessaa jira.

Pireezidaantin Naannoo Kibbaa Obbo Riistuu Yidaaw waltajjicharratti haasawaa taasisaniin , naannichatti rakkoon nageenyaa waggoottan darban mudate naannicha  gatii baay’ee kaffalchiisuu eeraniiru.

Nageenya Amansisaa fiduuf rakkoolee haasawaan hiikuun barbachisaa akka ta’ee eeruun, duudhaalee walitti bu’iinsaa furuu dandeessisan irratti xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaa ta’uu yaadachiisaniiru.

Ministir Deetaan Ministeeraa Nageenyaa Obbo Taayyee Danda’aan gamaa isaaniin, faayidaan nageenyaa kan beekamu yommuu nageenyi baduu ta’uu eeruun, wantoota nuu barbaachisan argachuu kan dandeenyu yommuu nageenyi jiru jedhan.

Imaammanni nageenyaa bocame qofaa isaa hiikkaa kan hin qabne ta’uu kaasuun, imaammaticha gara hojiitti hiikuuf sagantaan nageenya waaraafi ijaarsa nageenyaa hunda galeessaa bocuun barbaachisaa ta’uu eeruu isaanii ragaan Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.