Fana: At a Speed of Life!

Nageenya daandii eegsisuuf boru irraa eegalee duulli to’annoo kan gaggeeffamu ta’uu ibsame

Finfinnee, Caamsaa 9, 2014 (FBC) – Nageenya daandii eegsisuuf guyyaa boruu irraa eegalee duulli to’annoo baatii tokkoof turu kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.

Duulichi magaalaa Finfinnee dabalatee naannolee 4tti kan eegalu ta’uu ibsameera.

Ministeera Geejjibaa fi Loojistikiin hojiilee qaammee hanga qaammee fi sosochii uummataa daandiin namaaf jedhuun nageenya daandii fi tajaajila fandii inshuraansii sadarkaa biyyaalessaatti hojjetameen kutaaleen hawaasaa miiliyoonni 34 ol hirmaachuu ibsameera.

Sosochii uummataa taasifameen bu’aa gaariin argamuu fi hangi namoota balaa konkolaataan lubbuun isaanii darbuu bara 2010 irraa eegalee hir’achaa dhufuu fi miidhaan qabeenyarra ga’u dabaluu ibsameera.

Qaamoleen nageenyaa hojii to’annoo hejjetan xiyyeeffannoo isaanii gara duula birmadummaatti taasisanii turuu isaaniitiin sirni hordoffii laafee turuu fi yeroo ammaa nageenya daandiif xiyyeeffannoo guddaa kennuun guyyaa boruu irraa eegalee duulli to’annoo baaatii tokkoof turu kan eegalu ta’uu eerameera.

Duulichaan qaamolee to’annoo federaalaan magaalaa Finfinnee dabalatee naannolee  Oromiyaa, Amaaraa, Uummattoota Kibbaa fi Sidaamaatti to’annoo taasisuuf bakkeewwan balaaf saaxilamoo ta’an 150 adda ba’uu ibsameera.

Dabalataanis naannoleen karaa mataa isaanii to’annoo akka taasisan kan godhamu ta’uu eerameera.

Zaman Bayyanaatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.