Fana: At a Speed of Life!

Nageenya magaalichaa eegsisuuf hirmaannaan hawaasaa murteessaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Eebila 6, 2014 (FBC) – Nageenya magaalaa Finfinnee  eegsisuuf hirmaannaan hawaasaa murteessaa ta’uu ibsameera.

Qopheesummaa Biiroo Kominikeeshinii magaalaa Finfinneetiin dhimmoota nageenyaa magaalichaarratti kutaalee hawaasaa garaagaraa magaalichaa waliin mariin gaggeeffamaa jira.

Hojiin mootummaa inni duraa nageenya uummataa kabachiisuu ta’uu hogganaan Biiroo Kominikeeshiinii magaalichaa obbo Yoonaas Zawdeen haasaa baniinsaa taasisaniin ibsaniiru.

Kanaaf ammoo dhaabbileen Poolisii fi Nageenyaa cimoon ijaaramuu akka qaban ibsuun bu’aa qabeessummaa dhaabbilee kanneeniif hirmaannaan hawaasaa murteessaa ta’uu addeessaniiru.

Minyichi Azzazawutu gabaase.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.