Fana: At a Speed of Life!

Nageenya waaraa mirkaneessuuf ummaanni humna guutuun qaamolee nageenyaa waliin dhaabbachuu qaba – Obbo Ashaadilii Hasan

Finfinnee, Sadaasa 25, 2014 (FBC) – Godina Kaamaashiitti Nageenya waaraa mirkaneessuuf ummaanni humna guutuun qaamolee nageenyaa waliin dhaabbachuu akka qabu Preezdaantiin Naannoo Beenishaanguul Gumuz obbo Ashaadilii Hasan ibsan.

Gorsaa nageenyaa Muummee Ministiraa FDRI obbo Gadduu Andaargaachow, Preezdaantii Naannoo Beenishaanguul Gumuz obbo Ashaadilii Hasan dabalatee hoggantoonni olaanoon naannichaa bakka argamanitti haala godina Kaamaashiitti Nageenya Waaraan buusuun danda’amutti kutaalee hawaasaa waliin mariin gaggeeffameera.

Fayyadamummaa ummata godinichaa mirkaneessuuf wayita xiyyeeffannoon hojjetamaa jirutti humnoonni ergama garee shororkeessaa ABUT fudhatan ummata bilisoomsina jechuun nageenyaa godinichaa booreessaa jiraachuu kaasaniiru.

Gaaffiilee misoomaa ummata godinichaa deebisuuf karoorfamus sababa qaamolee farreen nageenyaan gufachuu kaasaniiru.

Mootummaan ergamtoota garee shororkeessaa qulqulleessuuf tarkaanfii cimaa fudhachuu eegaluu ibsaniiru.

Humnoonni farreen nageenyaa bosona seenaan yeroo gabaabaa keessatti harka akka laatan waamicha dhiyeessaniiru.

Humnoota farreen nageenyaa ummata godinichaa hirirsaa jiran yeroo dhumaaf qulqulleessuuf ummanni qaamolee nageenyaa cinaa dhaabbachuu akka qaban Gorsaan nageenyaa Muummee Ministiraa FDRI obbo Gadduu Andaargaachow dubbataniiru.

Umrii qaamolee kanneenii gabaabsuuf tumsi ummataa murteessaa ta’uu eeraniiru.

Mootummaan tarkaanfii murteessaa ta’e fudhachuuf murannoo qabaachuu ibsuu isaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii mootummaa naannicharraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.