Fana: At a Speed of Life!

Nageenyaa waaraa mirkaneessuuf qormaatilee waloon injifachuun murteessaadha – Obbo Araggaa Kabbadaa

Finfinnee, Guraandhala 2, 2016 (FBC) – Magaalaa Adaamaatti mariin hawaasaa gaggeeffameera.

Mariin qaamolee hawaasa garaa garaa himaachise kun mata duree ‘obbolummaa sabdaneessa nageenya waaraa fi badhaadhina hunda galeessaaf jedhuun gaggeeffameera.

Maricharratti kan hirmaatan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadaan, Nageenyaa waaraa mirkaneessuuf qormaatilee mudatan waloon injifachuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Qaamoleen hawaasaa maricha irratti hirmaatanis haala nageenyaa, misoomaa, bulchiinsa gaarii fi hariiroo obbolummaa dabalatee dhimmoota garaa garaa itti yaadaa fi gaaffilee qaban kaasaniiru.

Maricha irratti argamuun gaaffilee hirmaattota irraa dhiyaataniif deebii kan kennan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadee mootummaan rakkoolee nageenyaa iddoolee garaa garaatti mul’atan karaa nagaatiin hiikee misooma eegalame itti fufsiisuuf xiyyeeffannaan hojjetaa jiraachuu ibsaniiru.

Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa gama isaaniin, bu’uurri milkaahinoota argamanii hirmaannaa fi qindoomina uummataa bal’aa ta’uu eeraniiru.

Daandii obbolummaa sab daneessaatiin badhaadhinatti cehuuf kan arganne jabeeffachaa kan nu hafuuf tattaafachuun murteessaadha jedhaniiru.

Rakkoolee nageenyaa, kenna tajaajilaa fi qaala’iinsa jireenyaa bu’uuraan furuufis xiyyeeffannaan kan hojjatamu ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.