Fana: At a Speed of Life!

Nageenyi Ityoophiyaa tasgabbii naannawaa Baha Afrikaaf murteessadha – Sudaan Kibbaa

Finfinnee, Amajjii 14, 2014 (FBC) – Sudaan Kibbaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Nabiil Maahaaddiin Ministira Dhimmoota Preezdaantummaa Sudaan Kibbaa Dooktar Baarnaabbaa Maariyaa Beenjaamiin waliin haala waqtaawaa Ityoophiyaarratti mari’ataniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa waraanni daangaa naannoo Tigraay ce’ee akka hin seennee ajajuu fi namoonni Siyaasaa mana hidhaa akka hiikkaman taasiisuun biyyattiitti nageenyi akka bu’u murannoo qabu agarsiisa jedhan Ambaasaaddar Nabiil.

Mootummaan biyyattiitti nageenyi waaraan akka bu’u maree biyyaalessaa hunda hammate gaggeessuuf qophiirra jiraachuu ministirichaaf ibsa taasiisaniiru.

Yaa’ii hoggantoota biyyoota miseensa Gamtaa Afrikaa 35ffaa fi walga’ii idilee mana maree hojii raawwachiiftuu 40ffaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuuf qophii taasiifamaa jiru ilaalchisee ibsa laataniifiru.

Ityoophiyaa tasgabbooftuu fi nageenya qabdu arguu isaanitti gammaduu Ministirri Dhimmoota Preezdaantummaa Sudaan Kibbaa Dooktar Baarnaabbaa Maariyaa Beenjaamiin ibsaniiru.

Nageenyi Ityoophiyaa tasgabbii naannawaa Baha Afrikaaf daraan murteessaa ta’uu himuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.