Fana: At a Speed of Life!

Namni dhuunfaa daa’imman 7 karaa seeraan alaa daddabarsaa ture to’atame

Finfinnee, Caamsaa 4,  2014 (FBC) – Namni dhuunfaa daa’imman 7 karaa seeraan alaa daddabarsaa ture to’annaa jala ooluu Qajeelchi Poolisii Godina Beench Shakkoo beeksiseera.

Poolisiin akka ibseetti, namni dhuunfaa kun godina Kaafaa aanaa Caanaa ganda Baalaa Shaashaarra daa’imman umrii waggaa 10 gadi ta’an horii eegdu jechuun gara godina Beench Shakkoo aanaa Shakkoo ganda Gufaaq Caamsaa 1 konkoaataan daa’imman kanneen fe’uun imalaa osoo jiruu eeruu hawaasaatiin to’annaa jala oolee qorannoo taasifamaa jira.

Hawaasni yakki akka kana wayita raawwatu qaamolee dhimmi ilaallatuuf eeruu akka laatuu ibsamu ragaan Komishinii naannoo Kibbaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.