Fana: At a Speed of Life!

Namoonni haada elektirikaa Tajaajila baaburaa salphaa magaalaa Finfinnee hatan hidhaa cimaan adabaman

Finfinnee, Eebila 6, 2014 (FBC) – Namoonni  haada elektirikaa Tajaajila baaburaa salphaa magaalaa Finfinnee hatan hidhaa cimaan adabamuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksise.

Namoonni maqaan isaanii Tsaggaayee Teewoodiroosii fi Yaabsiraa Tasfaayee jedhaman hanna haada elektirikaa tajaajila baabura salphaa magaalichaan shakkamuun dhimmi isaanii Mana Murtii Olaanaa Lidataatti ilaalamaa turuu yaadachiifameera.

Manni murtichaa shakkamtoonni kunneen yakkamoo ta’uu ragaan erga mirkaneessee booda Tsagaayee Teewoodiroosiin hidhaa cimaa waggaa 7 fi baatii 8 kan adabe yoo ta’u Yaabsiraa Tasfaayee ammoo hidhaa cimaa waggaa 7 adabuu ibsameera.

Himatamtoonni kunneen Bitootessa 2013 halkan keessaa naannoo sa’aatii 7:00 kutaa magaalaa Lidataa aanaa 10 iddoo Bataskaana Lidataa jedhamuun beekamutti yakkicha raawwachuu ragaan Poolisii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.