Fana: At a Speed of Life!

Namoota Bidiruun Haroo Xaanaa keessatti qabattee dhabamte keessaa reeffii namoota 7 argame

Finfinnee, Adooleessa 12, 2013 (FBC) – Namoota 13 Bidiruun Xiqqoon Haroo Xaanaa keessatti qabattee dhabamte keessaa reeffii namoota 7 argamuu ibsame.
Bidiruun kun godina Jiddugaleessa Goondar Aanaa Danbiyaa irraa namoota 13 feetee gara buufata Bidiruu Gorgoraa imalaa osoo jirtuu Jimaata darbe irraa eegalee achi buuteen ishee kan dhabame yoo ta’uu, har’a ganama reeffii namoota 7 argamuu Poolisiin aanichaa ibseera.
Barbaacha dadhabsiisoo guyyoota lamaan booda Reeffii namoota kanneenii iddoo Gorgoraa fi Addisgee Diingee jedhamu ganda baadiyyaatti dambalii bishaaniin wayita bololi’aa jiru argamuu itti gaafatamaan waajjira Poolisii aanichaa Itti aanaan Komdaandaraa Charinnat Asmaareen himaniiru.
Reeffa namoota hafanii argachuuf barbaachi cimee itti fufu ibsaniiru.
Bidiruun kun Adooleessa 9, 2013 namoota moosee fe’an 13 feetee osoo imalaa jirtuu dhabamuun isaa kan yaadatamuudha.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.