Fana: At a Speed of Life!

Namoota dhuunfaa fi Dhaabbilee barnootaa ragaa sobaa qaban irratti tarkaanfii seeraa fudhachuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Eebila 7, 2014 (FBC) – Namoota dhuunfaa fi Dhaabbilee barnootaa ragaa sobaa qaban irratti tarkaanfii seeraa fudhachuuf hojjetamaa jiraachuu, Abbaan Taayitaa Barnootaa fi Leenjii beeksise.

Abbaan Taayitichaa qulqullina barnootaa to’achuu dabalataan ragaan barnootaa sirrii ta’uusaaf hojii mirkaneessu ni hojjeta.

Dhaabbileen Barnootaa Olaanoo tarree ragaa barattootaa fi ragaa barnootaa galmee irraa eegalee hanga eebbaatti jiru Abbaa Taayitichaaf erguuf dirqama kan  qaban ta’uu ibsameera.

Abbaan Taayitichaa bara 1995 irraa eegalee hanga bara 2014’tti dhaabbilee dhuunfaa ragaa barnootaa dhaabbatichaaf galchan irraatti hordoffii taasiseera.

Dhaabbilee kanneen irraa hanga ammaatti barattoota eebbifaman miiliyoona 1.1 keessaa barattoonni kumni 1 ol  ragaa barnootaa sobaa kan qaban ta’uu, Daarektarri Olaanaa Abbaan Taayitaa Barnootaa fi Leenjii Dooktar Andu’alam Damissee himaniiru.

Dhaabbilee ragaa barnootaa sobaan digirii kennaan saaxiluuf kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaatti yeroo ammaa dhaabbileen barnootaa olaanoo dhuunfaa magaloota 129 keessaatti dameelee kuma 2 fi 500 ol banuun sagantaalee kuma 3 fi 315 ol barsiisaa jiraachuu eerameera.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.