Fana: At a Speed of Life!

Nooraan fayyadamnee hojjechuun keenya oomishni keenyaa akka dabaluuf abdii nutti hore – Qonnaan Bultoota

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2014 (FBC) – Nooraan fayyadamne hojjechuun keenya oomishni keenyaa akka dabaluuf abdii nutti horeera jedhan qonnaan bultoonni Godina Aadda Oromiyaa Aanaa walmara.

Bulchiinsa Godina addaa Oromiyaa naannawaa Finfinnee Aanaa Walmaraatti ooyiruun qamadii Lafa biyyoo dhangaggaahaa nooraa fayyadamuun kilaastaraan misoome daawwatameera.

Aanaa Walmaraatti lafa hektaara 357 irratti qonnaan bultoonni 460 lafa biyyoo dhangaggaaharraa qamadii fi garbuun facaasan oomishni gaarii kan abdatan ta’uu ibsaniiru.

Hogganaa itti aanaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Eeliyaas Kadir naannichatti warshaalee nooraa oomishan hundeessuudhaan lafa biyyoo dhangaggaahaa fayyisuuf carraaqqii taasifamaa jirurraa bu’aan gaariin argamaa jiraachuu ibsaniiru.

lafa hektaara miiliyoona 6 ol qotamaa jirurraa lafti hektaarri miiliyoona 1 ol biyyoo dhangaggaahaa kan miidhame ta’uun himameera.

Qonnaan bultonii fi qaamooleen ooyiruu kana daawwaatanis muuxxannoo gaarii qooddachuu dubbataniiru.

Akka naannoo Oromiyaatis bara kana nooraa dhiheessuf dhabbilee garaagaraa waliin qindoominaan hojjechuuf qophiin xumuramu ragaan Biiroon Qonnaa fi Qabeenyaa uumama Oromiyaara argane ni mul’sa.

Ifaa Dalasaatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.