Fana: At a Speed of Life!

Nuffuu fi of dagannaan jiru gatii hin malle akka nu hin kaffalchiisne of eeggannaan taasifamuu qaba jedhame

Finfinnee, Hagayyaa 7, 2012 (FBC) –Nuffuu fi of dagannaan jiru gatii hin malle akka nu hin kaffalchiisne of eeggannaan taasifamuu qaba jedhan Waldaaleen Ogeeyyii Fayyaa.

Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf sochiin taasifamaa ture dhawaata laafaa dhufuun yaaddessaadha jedheera waldichi.

Kanaaf of eeggannaan taasifamu nuffii malee itti fufuu akka qabu waldichi dhaamera.

Weeraricha ittisuuf hojii mootummaan hojjechaa turee fi hojjechaa jiru kan dinqisiifatamu ta’uu waldaaleen ogummaa fayyaa 11n eeraniiru.

Namoota mallattoon dhibichaa irratti hin muul’atin yookin dhibee xiqqaan iratti muul’ate murteen mana akka turan taasifamuuf murtaa’e of eeggannoodhan hogganamuu qaba jedhan ogeeyyiin ibsa har’a laataniin.

Weeraricha ittisuuf labsii ariifachiisaa ba’een of eeggannaan cimaa turuun dansaa akka ture kaasanii, dhawaata garuu of dagannaan muul’achuu kaasaniiru.

Gabaasni Ministeerri Fayyaa qorannaa sa’aa 24rratti baasu barsiisaa akka ta’utti akka qophaa’us gaafateera.

Zaman Bayyanaatu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.