Fana: At a Speed of Life!

Obbo Adam Faaraahi magaalaa Miizaan Amaanitti hojiilee maaddii guutuufi Ashaaraa magariisaa daawwatan

 

Finfinnee, Caamsaa 7, 2015(FBC)- Ittaanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahi magaalaa Miizaan Amaanitti hojiilee Maaddii Guutuufi Ashaaraa Magariisaa daawwachuu ibsame.

Daawwannaa isaaniin biqiltuuwwan Avookaadoofi Paappaayee dargaggootaan oomishamuun dhaabbiif qophaa’a daawwachuu eerameera.

Kana malees hojii horsiisa qurxummiifi loon aannanii daawwachuu ragaan paarticharraa argame ni mul’isa.

Sagantaa daawwannichaarratti Ittaanaa Pireezidaantii Naannoo Uummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa Dooktar Injinar Nagaash Wageeshoo dabalatee hoggantoonni olaanoon naannichaa biroon argamuu ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.