Fana: At a Speed of Life!

Obbo Ahimad Shideen hoggantoota hojii olaanoo Ameerikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Ebla 17, 2016 (FBC)- Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen hoggantoota hojii olaanoo Ameerikaa waliin dhimmoota haala yeroo biyyaalessaarratti mari’ataniiru.

Walga’ii Baankii Addunyaa fi Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa cinaatti Jilli Obbo Ahimad Shideen durfamu Ambaasaaddara Garagaraa Dhimmoota Afrikaa Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Moolii Fii, Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Ameerikaa Ambaasaaddar Maayik Hamarii fi kanneen biroo waliin mari’ataniiru.

Marichis dhimmoota haala yeroo diinagdee fi siyaasaa akkasumaas hammattoo faayinaansii gooroo fooyyessuuf, fooyyessa taasifamaa jiranirratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsamuu ragaan Ityoophiyaatti Embaasaii Ameerikaarraa argame ni mul’isa.

Biyyoonni lameen gama Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa fi Baankii Addunyaan diinagdeen Itiyoophiyaa haala dandamachuu danda’uu uumuu, walitti hidhamiinsa biyyaalessaa fi tasgabbii naannawaa mirkaneessuuf deeggarsa hundagaleessaa haala taasisuun danda’amurratti mari’ataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.