Fana: At a Speed of Life!

Obbo Awwaal Arbaa fi obbo Ahimad Shidee naannoo Affaaritti misooma qamadii gammoojjii daawwatan

Finfinnee, Bitootessa 16, 2014 (FBC) – Preezdaantiin Naannoo Affaarii fi Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shidee naannoo Affaar aanaa Dubtiitti misooma qamadii gammoojjii heektara kuma 7 ol daawwataniiru.

Misoomni qamadii abbootii qabeenyaa, qonnaan bultootaa fi gariin horsiisee bultootaatin kan misoomee ta’uu ibsameera.

Kanaafis mootummaan deeggarsa olaanaa taasisaa jiraachuu miidiyaan naannichaa gabaaseera.

Kallattii akka biyyatti kaa’ameen misooma qamadii babaldhisuu qamadii deeggarsaan alaa galu hambisuu fi nyaata of danda’uurra darbee sharafaa alaa argamsiisuuf hojjetamaa jiraachuun isaa ni yaadatama.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.