Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Makkoonniin ajjeechaa godina Matakkalitti raawwatame balaaleffatan

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2013 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa FDRI obbo Dammaqaa Makkoonniin ajjeechaa Godina Matakkalitti raawwatame balaaleffatan.
 
Taateen irra deddeebiin godina Matakkalitti lammiilee nagaarratti raawwatamu gaddisiisaa fi gochaa onnee camsuudha jedhan.
 
Itti aanaan Muummee Ministiraa FDRI obbo Dammaqaa Makkoonniin ajjeechaa gaddisiisaa guyyaa har’aa godina Matakkal lammiilee nagaarratti raawwatame ilaalchisee hoggantoota Koomaandi Poostii godinichaa waliin mari’ataniiru.
 
Maatii fi firoottan lubbuu isaanii dhabaniif jajjabina hawwaniiru.
 
Rakkoo nageenyaa naannichaatii muudate furuuf Koomaand Poostiin gurmaa’ee hojiitti galus miidhaan lammiilee nagaarratti raawwatu itti fufuu ibsameera.
 
Rakkoolee nageenyaa iddoolee garaagaraatti muul’atu hambisuuf olaantummaa seeraa kabachiisuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamu akka qabu marii taasifamerratti ka’eera.
 
Obbo Dammaqaan miidhaa irra deddeebiin godinichatti lammiileerra ga’u balaaleffataniiru.
 
Gochaa gaddisiisaa fi onnee cabseedha jedhan.
 
Hawaasa naannichaa hidhachiisuun balaa ga’u ofirraa akka qolatuuf hojjechuun furmaata tokko ta’uu eeraniiru.
 
Karoora Koomaand Poostii iddoo hundatti ariitiin hojiitti hiikuun walitti dhufaanya ummataa cimsuun miidhaa ga’u hambisuuf hojjetamuu akka qabu ragaan Waajjira Itti aanaa Muummee Ministiraa FDRI irraa argame ni muul’isa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.