Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Makonnin Dura Taa’aa Ejensii Tumsa Misoomaa Idil Addunyaa Chaayinaa waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 17, 2015(FBC)- Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin Dura Taa’aa Ejensii Tumsa Misoomaa Idil Addunyaa Chaayinaa Liwoo Jaawahuuy waliin mari’atan.

Chaayinaan dhimma keessoo biyyootaa gidduu osoo hin seeniin qajeeltoowwan fayyadamummaa waloo hundaa’uun deeggarsa gama maraa Ityoophiyaaf taasistuuf galateeffataniiru.

Chaayinaan hammattoo Tumsa Kibba-Kibbaan ulaagaa tokko malee misooma Ityoophiyaaf gahee olaanaa bahachaa jiraachuu dubbataniiru.

Piroojeektiiwwan salgan Fooramii Chaayinaa-Afrikaan ifooman hojiirra oolaa jiraachuufi hanga xumura piroojektiiwwan kanneeniitti dhaabbatichi tumsa isaa cimsee akka itti fufu amantaa qabaachuu ibsaniiru.

Waliigalteen nageenyaa Piriitooriyaa haala milkaa’ina qabuun hojiirra oolaa jiraachuu eeruun, Chaayinaan hojii deebisanii dhaabuufi Ityoophiyaan taasisaa jirtuuf deeggarsa akka taasistu waamicha dhiyeessaniiru.

Liwoo Jaawahuuy gamasaaniin, Ityoophiyaan michuu cimtuu Chaayinaa qofa osoo hin taane biyya Afrikaarraa dhiibbaa uumuu dandeessu ta’uu ibsuun dhaabbanni isaanii deeggarsa barbaachisaa ta’e kan taasisu ta’uu addeessaniiru.

Ejensiin Tumsa Misoomaa Idil Addunyaa Chaayinaa dameewwan barnootaa, qonnaa, misooma sululaafi kanneen biroorratti deeggarsa barbaachisaa ni taasisa jechuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.