Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Makonnin Gamtaa Afrikaatti Komishinara Dhimmoota Siyaasaa, Nageenyaa fi Tasgabbii waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2014 (FBC) – Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Minitirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin Gamtaa Afrikaatti Komishinara Dhimmoota Siyaasaa, Nageenyaa fi Tasgabbii Ambaasaaddar Baankoolee waliin dhimmoota yeroorratti mari’ataniiru.

Walitti bu’iinsa kaaba Ityoophiyaa jiru waaraan furuuf ejjennoo mootummaan qaburratti obbo Dammaqaan Ambaasaaddar Baankooleef ibsa taasisaniiru.

Ambaasaaddar Baankooleen gamasaaniin, mootummaan Ityoophiyaa walitti bu’iinsa kaaba biyyattii mariin furuuf tattaaffii taasisu fi komishinii biyyaalessaa hundeessuun gara hojiitti seenuu isaa dinqisiifataniiru.

Yeroo ammaa gaaga’amni Ityoophiyaa fi Sudaan gidduutti uumame yaaddessaa ta’uu kaasuun, Ityoophiyaan muddamicha tasgabbeessuuf tarkaanfiin fudhatte kan dinqisiifatamu ta’uu ibsuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Qoccolloon mootummaa Sudaaniin uumame uummata biyyoota lameenii kan hin madaalle ta’uu Obbo Dammaqaan ibsaniiru.

Walitti bu’iinsichaan Sudaan dhimmicha Gamtaa Afrikaa bira dabartee gara Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti fudhachuun walitti bu’iinsicha sadarkaa idil addunyaatti geessuuf fedhii qabaachuu ishee kan agarsiisu ta’uu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.