Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Makonnin Ministira Ministeera Dhimma Alaa Noorweey waliin bilbilaan mari’atan

Finfinnee, Amajjii 5, 2014 (FBC) – Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa  Obbo Dammaqaa Makonnin Ministira Ministeera Dhimma Alaa Noorweey Aniikan Huuyitfeeldit waliin bilbilaan mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaa Makonniin jijjiirama Ityoophiyaa keessatti mul’achaa jiran ilaalchisee Aniikan Huuyitfeelditiif ibsa laataniiru.

Baatii Amajjii keessaa Noorweey DhMGtti Preezdaantii Mana Maree Nageenyaa taatee filatamuushee hordofee ergaa baga gammadaniis dabarsaniiru.

Noorweey Preezdaantummaa  mana marichaatti fayyadamuun hojiiwwan mootummaan Ityoophiyaa hojjechaa jiru karaa madaalawaa fi sababa qabeessa ta’een akka ilaaltu amantaa qaban obbo Dammaqaan ibsaniiru.

Biyyattiin preezdaantuummaa mana marichaatiin qooda gaarii akka ba’attu amantaa qaban kaasaniiru.

Ministira Ministeera Dhimma Alaa Noorweey Aniikan Huuyitfeeldit gamasaaniin ibsa laatameefiin galateeffachuun waamicha mootummaa Ityoophiyaa dinqisiifataniiru.

Fuuldurattis Noorweey Ityoophiyaa ajandaa DhMG gochuuf karoora kan hin qabne ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.