Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Ministira Alaa Meeksiikoo waliin mari’atan

Finfinnee, Adooleessa 2, 2013 (FBC) – Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Ministira Ministeera Dhimma Alaa Meeksiikoo Maarseelloo Ibraarid waliin Intarneetiin mari’ataniiru.
Hariiroo fi tumsa biyyoota lamaanii bara dheeraa haala cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.
Mariin sadee Hidha Haaromsaa mariisiisummaa Gamtaa Afrikaan itti fufuun furmaata argachuu akka qabu marii isaaniin kaasaniiru.
Obbo Dammaqaan haala waqtaawaa Ityoophiyaa ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.
Sarbama mirga namoomaa naannoo Tigraayiitti qaqqabe jedhame Komishiniin mirga namoomaa Ityoophiyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin ta’uun qorachaa jiraachuu himaniiru.
Obbo Dammaqaan dhiibbaan tarkaanfii kana tilmaama keessa hin galchine fudhatama kan hin qabne ta’uu hubachiisuu isaanii ragaan Ministeeraa Dhimma Alaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.