Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Ministira Dhimma Alaa Somaaliyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 6, 2015 (FBC)- Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin Ministira Dhimma Alaa Somaaliyaa Abshiir Omar Jamaa waliin mari’ataniiru.

Qondaaltonni lameen walga’ii Hoji Raawwachiistota Gamtaa Afrikaa 43ffaa cinaatti dhimmootaa gama lameenii fi naannawaarratti mari’achuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa fi Somaaliyaan dameewwaan hundaan hirmaachaa kan jiranii fi dhimmoota waloo daran walta’iinsaan hojjechuuf kutannoo qabaachuu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.