Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Pireezidaantii Sudaan Kibbaa waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2016 (FBC) – Itti Aanaan Ministira Muummee fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin Pireezidaantii Sudaan Kibbaa Saalvaakiir Maayaardiit waliin mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan ergaa Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadirraa ergame Pireezidaantichaaf kennaniiru.

Dhimmoota hariiroo biyyoota lamaanii fi naannawichaa caalmaatti cimsuuf dandeessisanirratti mari’achuu isaanii ibsameera.

Biyyoota lamaan bu’uuraalee misoomaan walitti hidhuuf tumsaan hojjechuuf hoggantoonni lamaan waliigalteerra ga’uu isaanii eerameera.

Hariiroo ummata biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf kan hojjetamu ta’uus mari’achaan ka’eera jedhame.

Obbo Dammaqaan Pireezidaanti Saalvaakiir waliin turtii taasisan erga xumuranii Ministira Ministeera Dhimma Alaa Sudaan Kibbaa Jamsi Mooriingaan waliin ibsa laataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.