Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dassitaan hoggantoota Bulchiinsa Daandii Ityoophiyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 10, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin naannoo Sidaamaa Obbo Dassitaa Leeddamoon hoggantoota Bulchiinsa Daandii Ityoophiyaa waliin daandii naannicha keessatti hojjetamaa jiru ilaalchisee mari’ataniiru.

Akkaatuma kanaan dhaabbilee ijaarsaa fi Bulchiinsa Daandii Ityoophiyaa waliin rakkoolee ijaarsa daandii naannichaa mudatan furuun danda’amurratti mari’atameen mootummaan naannichaa rakkoolee jiran furuu Obbo Dassitaan maricharratti ibsaniiru.

Bulchiinsi Daandiwwan Ityoophiyaa,deeggarsa naannichaa fi Mootummaa Federaalaan daandiwwan hojjetaa jiru saffisan xumuruun tajaajila hawaasaaf qaqqabsiisuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Mootummaan naannichaa daandiwwan kunneen hojjetamanii hanga xumuramanitti itti gaafatamummaa isaa kanba’u ta’uu ibsaniiru.

Abbaan Taayitaa Daandiwwan Ityoophiyaa daandii naannichatti mootummaa federaalaan hojjetamaa jiran ilaalchisee gabaasa raawwii dhiyeessuun irratti mari’atamuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Naannicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.