Fana: At a Speed of Life!

Obbo Musxafee Mahaammad miseensota MMBBU waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 24, 2015(FBC)- Pireezidaantiin naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Koree Dhaabbii Dhimmoota Karooraa, Bajataafi Faayinaansii waliin mari’atan.

Miseensonni korichaa hojiilee misoomaa naannicha keessatti hojjetamaa jiran erga daawwataniin booda pireezidaantii naannichaa obbo Musxafee Mahaammad waliin mari’achuu eerameera.

Naannichatti hojiileen tasgabbii siyaasaa, nageenyaafi misooma cimsuuf hojjetaman akkasumas ijaarsa dhaabbileerratti hojjetaman kan jajjabeefamu ta’uu marichaan ka’eera.

Hojii mootummaan naannichaa komishinii Gumruukaa naannichatti argamu, Yuuniivarsiitii Jigjigaafi dhaabbilee federaalaa biroo waliin qindoominaan hojjechuun deeggarsa taasisaa jiru korichi dinqisiifateera.

Obbo Musxafeen hojiilee misoomaa naannichatti hojjetamaa jiraniifi hojiilee dhaabilee federaalaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiran irratti ibsa laachuu miidiyaan naannichaa gabaaseera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.