Fana: At a Speed of Life!

Obbo Musxafeen Hojii Gaggeessitoota Olaanoo Komishinii Godaantotaa fi Dhaabbata Nyaataa fi Qonna Adduunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 13, 2015 (FBC)- Pireezidaantiin Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad Hoji Gaggeessitoota Olaanoo Komishinii Godaantotaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Dohaansi Zeechi fi Piiter Kiintuu waliin mari’atan.

Marii isaaniin aanaalee naannichaa godaantota keessummeessan, keessumaa Godina Liiban Malkaa Diidaatti godaantotaa argamaniif qulqullina tajaajilaa kennamuu fooyyessuurratti mari’ataniiru.

Dabalataanis, aanaalee kanneenitti oomishtummaa qonnaa, bishaan dhugaatii qulqulluu, misooma diinagdee akkasumas, pirojektoota bu’uuraalee misoomaa haala ittiin hojiirra oolchanirratti mari’ataniiru.

Gama biraatiin, Obbo Musxafeen qondaaltota olaanoo naannichaa waliin hoji gaggeessitoota olaanoo Dhaabbataa Nyaataa fi Qonnaa Addunyaa waliin kan mari’atan yoo ta’u, qonnaa, misoomaa bishaanii fi deeggarsa lammiilee hongeen miidhamaniif taasifamurratti mari’ataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.