Fana: At a Speed of Life!

Obbo Ristuu Yirdaan bakka bu’oota Fandii Uummataa DhMGfi Tumsa Idil Addunyaa Kooriyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 7, 2015(FBC)- Pireezidaantiin Naannoo Uummattoota Kibbaa Obbo Ristuu Yirdaan bakka bu’oota Fandii Uummataa DhMGfi Tumsa Idil Addunyaa Kooriyaa waliin mari’ataniiru.

Dhimmoota jireenya dubartootaafi daa’immannii jijjiiruu danda’an irratti mari’achuu ibsameera.

Fandii Uummataa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti bakka bu’aan Ityoophiyaa Suuzaan Maandoong, godina Geedee’oo aanaalee Naannawaa Diillaa, Gadabiifi Yirgaa Caffeetti tajaajila qusannaa maatii, miidhaa koorniyaa ittisuufi dhimmoota biroorratti tumsaan hojjechuuf fedhii qabaachuu dubbataniiru.

Deeggarsa namoomaa Ityoophiyaatti hojjetan dabalataan tattaaffii fayyaa haadholiifi daa’immanii  fooyyessuuf taasifamurratti tumsaan kan hojjetan ta’uu eeraniiru.

Tumsa Idil Addunyaa Kooriyaatti bakka buutuun Ityoophiyaa gamasaaniin, tattaaffii Ityoophiyaan galmoota misoomaa waaraan fayyadamummaa hawaasaa guddisuuf taasiftu kan dinqisiifatan ta’uu ibsaniiru.

Fayyadamummaa tajaajila qusannaa maatii guddisuun barbaachisaa ta’uu kaasuun, fuudhaafi heeruma yeroo malee, butiifi gochoota jireenya dubartootaa miidhan ittisuuf deeggarsa kan taasisan ta’uu eeruu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.