Fana: At a Speed of Life!

Obbo Ristuu Yirdaan manneen jireenyaa lammiilee qe’eesaaniirraa buqqa’aniif ijaaraman daawwatan

Finfinnee, Hagayya 28,2014(FBC)- Pireezidaantii naannoo Uummattoota Kibbaa Obbo Ristuu Yirdaan manneen jireenyaa lammiilee qe’eefi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif ijaaraman daawwataniiru.

Godina Gaamootti kanaan dura sigiga lafaafi balaa lolaa irra deddeebiin mudateen lubbuun namoota 37 darbuufi lammiileen kumni 2 fi 91 qe’eefi qabeenya isaaniirraa buqqa’uun isaanii kan yaadatamudha.

Lammiilee kanneen deeggaruuf godinicha aanaa Quccaatti manneen jireenyaa 221 ijaaraman  guyyaa har’aa obbo Ristuu Yirdaan eebbifamuu ibsameera.

Saganticharratti hoggantoonni olaanoon naannichaafi godina Gaamoo argamuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.