Fana: At a Speed of Life!

Obbo Shimallis Abdiisaan Ayyaana Ifa Masqalaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Fulbaana 16, 2014 (FBC) -‘Ayyaanni Masqalaa Oromoodhaaf bacaqii gannaarraa gara booqaa birraatti bari’uusaa, dukkana irraa gara ifaatti bahuu isaa kan itti ibsatuudha’ jedhan Preezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Obbo Shimallis hordoftoota Amantaa Kiristaanaa fi ummata biyyattii maraan baga Ayyaana Masqalaa bara 2014 nagaan geessan jedhaniiru.

Guutuun ergichaa haala armaan gadiin dhiyaateera.

Gootonni ijoollee ummataa guyyaa ayyaanaa kanattis birmadummaa biyyaafi bilisummaa ummataatiif jecha waardiyyaa dhaabbattanii jirtan kabajaafi ulfina guddaatu isiniif mala waan taheef, baga geessan yammuun jedhu gammachuu guddaatu natti dhagahama.

Ayyaanni Masqalaa bara kanaa barii hundeeffama Mootummaa haaraa Naannoo Oromiyaatti kabajnu kun ulfinaafi miidhagina addaa ni qabaata. Barii birraa kanatti imaanaa ummataa fudhannee, waadaa keenya haaromsuudhaan gara hojii qabatamaatti galuu keennya yeroo itti mirkaneessineedha.

Kanaafis, ayyaana amantaafi ummataa akka kanaarratti ergaa baga geessanii wayita dabarsinu, horata duudhaalee waliin jireenyaafi hojii qabnu hunda wal yaadachiisuun kan kabajannu ta’a.

Ayyaanni Masqalaa ummata Oromoofi ummattoota Itiyoophiyaa hunda biratti jaalalaafi tokkummaan kan kabajamudha. Ummanni Oromoo ulfinaafi kabaja Ayyaana Masqalaaf qabu wayita ibsu “Galgalliifi Masqalli waakkii hin qabu!” jechuun aadaa waliin nyaachuu, dhuguu, waliif yaaduufi gammaduun ulfina ayyaanichaaf qabu ni ibsa.

Ayyaanni Masqalaa Oromoodhaaf bacaqii gannaarraa gara booqaa birraatti bari’uusaa, dukkana irraa gara ifaatti bahuu isaa kan itti ibsatudha. Ganni darbee birraan wayita bari’u lageen ni hir’atu. Firri laga gamaafi gamanatti addaan citee ture walitti dhufee gammachuu ibsata. Oomisha bilchaates waliin qooddata. Kanaafis, “Masqala ayyaana Waggaa, Nama Ayyaantuutu arga!” jechuunis ni faarsu.

Masqalli ummata Oromoo biratti akka mootii ayyaanota hundaatti ilaalama. Gama tokkoon ayyaana amantaa yaadannoo fannoo Yesuus Kiristoos ta’ee, hordoftoota amantaa Kiristaanaa biratti sirna ho’aadhaan kabajamee ooluudha.

Hordoftoonni amantaa Kiristaanaa jaalala dhugaa Waaqayyo dhala namaatiif qabu guyyaa itti dinqifataniifi galateeffataniidha. Jaalala ilmaan namootaatiif jecha sababa dhiifamuu cubbuutiif tokkicha ilmasaa gara biyya lafaatti ergee kan wareege ta’uu guyyaa itti yaadataniifi araaraafi dhiifama guyyaa itti lallabaniidha.

Kanaafis, hordoftoota amantaa Kiristaanaa biratti ayyaanni Masqalaa guyyaa yaadannoofi mallattoo jaalalaa, araaraafi dhiifamaa ta’uutu barsiifama.

Gama biraatiin ammoo Masqalli boqonnaa gannarraa gara barii birraatti itti cehan waan ta’eef, ummata hunda biratti akka mallattoo baraartiifi hofkaluutti ilaalama. Gadadoofi gidiraa darbe hunda yaadachuudhaan Waaqa galateeffachuufi kan dhufuuf kadhachuunis ni kabajama.

Ummanni keenya aadaa waliin jiraachuufi hammachuu baroota dheeraaf gabbifatetti fayyadamee ayyaana Masqalaa bara kanaa barii qormaatota gurguddaa keessa dabarretti kabajannu kana waan qabu waliin qooddatee akka kabajatu abdii guddaan qaba.

Kan hin qabneef qooduun, kan gaddeef dirmachuufi mijuu waliin qooddachuun duudhaa gaarii gabbifannee har’aan geenyeedha. Har’as akkuma kaleessaa duudhaa ollummaafi obbolummaa keenya kanatti fayyadamnee waan waliin soorannu akka nuuf sifaa’un hawwa.

Hundaa olitti ammoo, kabaja ayyaana Masqalaa kanarratti gootota ijoollee ummataa birmadummaa biyyaa kabachiisuuf waardiyyaa dhaabbataniif kabaja malu kennuufi maatii isaanii utubuudhaan yaadachuu qabna.

Ayyaanni Masqalaa bara kanaa Oromoo biratti hiikkaa dachaa qaba. Oromoon akkuma kanaan dura ayyaanota biroo obbolootasaa hunda waliin nagaan, jaalalaafi tokkummaan kabajachaa ture, bara kanas ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee jaarraa tokkoofi walakkaa booda deebifate waggaa sadaffaadhaaf kabajachuuf yeroo jala-bultiirratti kan argamu ta’uun ayyaana Masqalaa bara kanaatiif miidhagina addaa kan kennuudha.

Anis carraa kanatti fayyadamee obboleewwan keenya saboota, sab-lammootaafi ummattota biyya keenyaa hundaan ayyaana Irreechaa Hora Finfinneefi Hora Har-Sadii barii kabaja ayyaana Masqalaatti kabajamurratti argamtanii gammachuufi galata Uumaaf dhiyeessun akka qooddattan waamicha kabajaa dabarsuun fedha.

Ayyaanichi kan gammachuu, jaalallifi tokkummaan keenya daran itti cimu nuuf haata’u jechaa, barri kan injifannoofi milkaa’inaa akka nuuf ta’un hawwa.

Ayyaana Gaarii!

Shimallis Abdiisaa

Preezdaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Fulbaana 16, 2014

Finfinnee.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.