Fana: At a Speed of Life!

Obbo Shimallis Abdiisaan Ittaantuu Pireezidaantii Faawundeeshinii Suzaan Tomsan Buufet waliin mari’atan

Finfinnee, Caamsaa 3, 2015(FBC)- Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan Ittaantuu Pireezidaantii Faawundeeshinii Suzaan Tomsan Buufet Piroofeesar waliin mari’ataniiru.

Mariisaaniin, dhimmoota fayyaafi fayyaan walqabatan irratti haala qindominaan waliin hojjechuun danda’an irratti mari’ataniiru.

Tajaajila fayyaa bu’uuraa babal’isuuf, ga’umsa humna namaa seektarichaa cimsuufi dhiyyeessii tajaajila fayyaa waliigalaa cimsuu irratti waliigaluu ragaan Waajjira Ireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Kana malees dhaabbatichi Koolleejjii Kompirehensiivii Ispeeshaalaayizdii Adaamaa deeggaruun giddugalli tajaajila yaala isaa akka olguddatuuf waliin hojjechuuf waliigaluu eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.