Fana: At a Speed of Life!

Obbo Shimallis hojii deebisanii dhaabuu Baatuu daawwatan

Finfinnee, Hagayyaa 14, 2012 (FBC) – Jilli preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan duurfamu hojii deebisanii dhaabuurratti kallattii kaa’an.
 
Preezdaant Shimallis hojii deebisanii dhaabuu godina Shawaa Bahaa, magaalaa Baatuu fi aanaalee naannawashee daawwachuun kallattii kaa’aniiru.
 
Obbo Shimallis rakkoo nageenyaa tibba darbe mudateen namoota miidhamanii fi bakka bootota hawaasaa waliin mari’ataniiru.
 
Walqixxummaa, bilisummaa fi obbolummaa ijaaruurratti cichinee hojjachuun dhimma filannoo osoo hin taane, dirqama jedhan.
 
Olaantummaa seeraa kabachiisuun lammiilee gaaga’ama qaqqabeen miidhaman miiraan hirphuu, jaarsummaaf kan hin dhiyaannee fi sababa kamiinuu kan hin harkifanne ta’uu himan.
 
Balaa humnoonni diigumsaa geessisaniin lammiileen mana jireenyaa fi iddoon hojiisaanii manca’e yeroo gabaabaa keessatti akka xumuramuuf oggansi cimaan kan kennamuu fi hordoffiin kan taasifamu ta’uu eeraniiru.
 
Kana booda qaamni bulchiinsaa fi nageenyaa sadarkaan jiru ummata hirmaachisee nageenya mirkaneessuu yoo hin dandeenye tarkaanfii itti gaafatamummaa dursaa kan hordofsiisu ta’uu akeekan.
 
Jilli preezdaant Shimallisiin duurfamu kun turtichaan hojii deebisanii dhaabuu magaalaa Baatutiin ala, Arsii Nageellee fi Shaashamannee, akkasumas Arsii fi Baale kan daawwatu ta’a.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.